Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa Kooriyaa Kaabaa Umrii Waggaa 20 gadii shaampiyoonaa waancaa addunyaa ta’e

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa Biyyaalessa Kooriyaa Kaabaa Umrii Waggaa 20 gadii yeroo 3ffaaf shaampiyoonaa waancaa addunyaa ta’e.

Garichi yeroo 3ffaaf shaampiyoonaa ta’uun seenaa Ameerikaa fi Jarman qoodataniiru.

Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa Kooriyaa Kaabaa Umrii Waggaa 20 gadii gita isaa Jaappaan galchii 1 fi 0n injifachuun shaampiyoonaa waancaa addunyaa ta’eera.

Waancaan Addunyaa dubartoota umrii waggaa 20 gadii bara Faranjootaa Hagayya 30 hanga Fulbaana 22, 2024tti Kolombiyaatti gaggeeffamaa ture eda olaantummaa Kooriyaa Kaabaan xumuramuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment