Gareen Kubbaa miilaa dubartootaa biyyaalessaa Ityoophiyaa umrii waggaa 17 gadii Waancaa Addunyaa 2022 ala ta’e

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) –Taphni gulaallii waancaa Addunyaa har’a Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 17 gadii gita isaa Naayijeeriyaa waliin gaggeesse goolii malee qixa xumurameera.

Tapha marsaa jalqabaa Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen gareen biyyaalessa Ityoophiyaa gita isaa Naayijeeriyaan goolii 1 fi 0n injifatamuu hordofee Naayijeeriyaan Tapha Waancaa Addunyaa 2022 Hinditti gaggeeffamuuf darbuu mirkaneeffateerti.

Imalli gareen biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Addunyaa bara 2022f darbuuf taasiisaa ture osoon hin milkaa’iin hafuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment