Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa Biyyaaleessa Ityoophiyaa umrii 17 gadii gulaallii waancaa addunyaa marsaa itti aanuuf darbe

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa Biyyaaleessa Ityoophiyaa umrii 17 gadii gulaallii Waancaa Addunyaaf tapha deebii gaggeesseen gita isaa Ugaandaa waliin goolii 1 qixa xumurus marsaa itti aanuuf darbeera.

Tapha deebii sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatame goolii 1 qixa xumurameera.

Gareen guddattootaa Ityoophiyaa dirree ala goolii 2 galchuu isaan marsaa itti aanuuf darbeera.

Taphni marsaa jalqabaa Ugaandaatti gaggeeffame goolii 2 qixa xumuramuun kan yaadatamuudha.

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa yeroo itti aanu tapha gulaallii kana gita isaa Afrikaa Kibbaa waliin ni taphata.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment