Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Caamsaa 25, 2014 gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023f tapha jalqabaa ni taphata

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Caamsaa 25,2014 Maalaawwii waliin,Caamsaa 29, 2014 ammoo Ijipti waliin gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023f kan tapahatu ta’uu ifoomeera.
Taphni gulaallii Waancaa Afrikaa 2023 baatii kanaa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’u, Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa baatii Caamsaa kana keessa taphoota 2 ni taphata jedhameera.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Ijipti, Giinii fi Maalaawwii waliin gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023f ramadamuun kan yaadatamuudha.
Tapha jalqabaas gita isaa Maalaawwii waliin Caamsaa 25, 2014 ni taphata jedhame.
Caamsaa 29, 2014 ammoo gareen Kubbaa Miilaa Ijipti waliin tapha 2ffaa isaa kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment