Gareen jila Obbo Adam Faaraahiin durfamu Beejiing Chaayinaa gale

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2017 (FBC)- Gareen Jila Pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Fi Itti Gaafatamaa Giddugalaa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahiin durfamu Beejiingi Chaayinaa jira.

Jilichi Wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Beejiingi gahu hoggantoota Olaanoo Paartii Koministii Chaayinaa fi Chaayinaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon simatamaniiru.

Jilichi turtii isaan mariiwwan gamlame akka taasiu, muuxannoo waljijjiiruu fi daawwannaa garaagaraa akka taasisu ibsameera.

Dabalataan hariiroo paartilee biyyoota lamaanii cimsan hundeessuuf tumsa tarsiimawaa n itaasisaan kan eegamu ta’uu ibsamuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment