Gareen Ityoophiyaa deeggarsaaf Turkiitti imalee ture ergamaa isaa xumuruun deebi’e

Finfinnee Graandhala 18, 2015 (FBC)- Gareen Ityoophiyaa deeggarsa lubbuu baraarsaaf Turkiitti imalee ture ergama isaa xumuruun gara biyyaatti deebi’eera.

Gareen Jilaa Itti Gaafatamaa Qajeelcha Olaanaa Mahaandisaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Dastaa Abbicheen durfamu, wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an qondaaltota Poolisii Federaalaa fi manneen hojii ministeerotaan simatamaniiru.

Ministeeraa Dhmma Alaatti Dayrektarri Jeneraalaa Dhimmootaa Awurooppaa Fi Ameerikaa Ambaasaaddar Isheetee Xilaahuun deeggarsi taasifame hariiroo dippiloomaasummaa seena qabeessa biyyoota lameen gidduu cimsuurraa darbee miira aantummaa ummatootaa kan uumuudha jedhan.

Dabalataanis mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa taasiseef Pireezidaantii Turkii Rasiip Xayiib Ergoohaan maqaa Ummataa fi mootummaa biyyattiin galataa dhiyeessuu ibsaniiru.

Gareen jilichaa turtii Turkiitti taasiseen kirkiraa lafaa irra deebiin mudate dandamachuun gara biyyatti deebi’uun biyyaas ta’ee akka dhaabbataatti ergama boonsaa raawwaan ta’uu dubbachuu ragaan Poolisii federaaaarraa argame ni mul’isa.

Dhiyeenya naannawaa Kibbaa Turkiittii kirkiraa lafaa mudatee ture hordofee, hanga ammaattii lubbuun namoota kuma 47 olii darbuu fi manca’iinsi qabeenyaa mudachuun kan yaadatamuudha.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment