Gareen Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Umrii 20 gadiirratti hirmaate simatame

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Gareen Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Idil Addunyaa Umrii 20 gadiirratti hirmaateef simannaan taasifame.

Garichi har’a Finfinnee Buufta Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee Wayita ga’utti simannaan taasifameeraafi.

Garichi har’a Finfinnee Buufta Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee Wayita ga’utti Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa, Ministir Deetaa Ministeerichaa Ambaasaaddar Masfiin Charinnat, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Koomishinaraa Darartuu Tulluu dabalatee qondaaltonni biroon simannaa taasisaniiruufi.

Shaampiyoonaa Liimaa Peeruutti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan Warqee 6, Meetii 2 fi Nahaasa 2 waliigalaan meedaaliyaawwan 10’n Addunyaarraa 2ffaa, Afrikaarraa 1ffaan xumuruun ni yaadatama.

Sagantaan badhaasaa fi beekkamtii garichaaf boru ni gagggeeffama jedhameera.

Indalkaachoo Wadaajeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment