Gareen Idil Addunyaa tajaajila yaala bilisaa kennu marsaan jalqabaa Itiyoophiyaa seene

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC) – Gareen Idil Addunyaa Waqtii Gannaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennu marsaan jalqabaa Itiyoophiyaa seeneera.

Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Hoggantoota olaanoo Ministeera Fayyaan simatameera.

Gareen kun ogeeyyii yaala fayyaa 26 kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Ogeeyyiin kunneen Hospitaale Qulqulluu Phaawuloositti Koollejjii Meedikaalaa Barkumee, Hospitaala Alaartii fi Xiqur Anbassaatti lammiilee kuma 1 fi 500 oliif tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu bilisaan kan kennu ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment