Gareen humnoota mormituu Liibiyaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuufi

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Gareen humnoota mormituu Liibiyaa Raashiyaa Mooskotti waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuufi.

Waliigalticha dhaabbata mootummoota gamtoomaniin beekkamtii kan qabu bulchiinsa Faayz Al Saaraajii fi garee mormituu Jeneraala Kaliif Haaftaar gidduutti guyyaa har’aa ni mallatteeffama jedhameti eegama.

Faayz Al Saaraaj haasa televizhiniin taasisaaniin lammiilen Liibiyaa waan darbe cufan fuulduraaf akka yaadan waamicha dhiyeessaaniru

Lammiileen Liibiyaa hundu nageenyii fi tasgabbii akka buu’uuf ga’ee isaanii akka ba’atan eeraniiru.

Waliigaltichi rakkoo nageenya biytyatti ni fura jedhameeti eegama.

Maddi:- Aljeeziiraa

Comments (0)
Add Comment