Gareen hattuu ABUT dameewwan baankii naannoo Tigraayitti argaman irratti saamicha gaggeessaa jira-Baankii Biyyooleessaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)- Gareen hattuu ABUT dameewwan baankii naannoo Tigraayitti argaman irratti saamicha gaggeessaa jiraachuu Baankii Biyyooleessaa Ityoophiyaa beeksise.

Uummanni Tigraayii fi qaamni dhimmi ilallaatu baankichi akka hin saamamneef shooraa isaanii akka ba’aataniif baankichi waamicha dhiyeessera.

Akka gabaasa EBCtti haala amma jiruun baankonni naannichaatti argaman taajajila laachuu waan hin dandeenyeef cufamanii akka turaaniif Baankiin Biyyooleesaa Ityoophiyaa yaadachiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment