Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Gareen Hoggantoota Ministeera Barnootaa miseensota shan of keessaa qabu guyyaa har’aa gara magaalaa Maqaleetti kan imalu ta’uu ibsame.
Garichi gara magaalaa Maqaleetti kan imalu naannichatti sirna baruufi barsiisuu eegalchiisuun haala danda’amurratti mari’achuuf ta’uu ministeerichatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsaafi Bu’uuraalee Misoomaa Dooktar Salamoon Abrahaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.
Garichi turtiisaan hoggantoota Yuuniivarsiitiiwwan Maqaleefi Adigiraat waliin haala baruufi barsiisuun eegalchiisuu danda’amurratti kan mari’atan ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis naannichatti haala barnoota waliigalaa eegalchiisuun danda’amurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni mari’atu jedhaniiru.
Kanaan dura gareen ogeeyyii gara Yuuniivarsiitii Aksumitti imaluun haala hojii baruufi barsiisuu eegalchiisuun danda’amurratti mari’achuun isaanii kan yaadatama.
Yohaannis Daribawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.