Gareen Gochaa Diyaaspooraa Idil Addunyaa Ityoophiyaa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 442 deeggarsa taasise

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Gareen Gochaa Diyaaspooraa Idil Addunyaa Ityoophiyaa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 442’tti shallagamu Ministeera Fayyaaf deeggarsa taasise.

Garichi deeggarsicha Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaatti dabarsee kennuu TOI gabaaseera.

Dooktar Liyaan deeggarsa taasifameef garicha galateeffachuun, tattaaffii bu’uuraalee misoomaa sababa walitti bu’iinsaan barbadaa’an gara hojiitti deebisuuf taasifamu diyaaspooronni deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment