Gareen gantichi haleellaan eenyummaarratti xiyyeeffatee qaqqabsiisu itti fufeera-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)-Dachee kanarratti gochoota hamaa isa dhumaa jedhamanii ibsaman raawwachuuf duubatti kan hin deebine gareen gantuu kun naannolee garaagaraatti fixaaleeyyii fi shororkeessittootasaa qindeessuun,ergama kennuu fi faayinaansiin deeggaruun miidhaa enyummaarratti xiyyeeffatee badii sukkeessaa raawwachu itti fufee jira jedhan Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin.
Haaluma walfakkaatuun naannoo Maaykaadiraatti gochi lammiilee nagaa irratti raawwate kan onnee namaa cabsu, eenyummaarratti xiyyeeffachuun gocha sukkeensaa nama gaddisiisu fi namummaa irraa ala kan ta’e qindeessuummaa gare gantuu kanaan raawwatame yakka dhiifama hin qabneedha jedhan.
Ajjeechaan sukkaneessaa kun nama ta’uuf gaaffii keessa kan nama galchuu gocha sukkaneessaa dhas jedhaniru.
Akkuma hundi keenya taajjabneetti, guyyoota muraasaan dura haleellaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Izzii kaabaa irratti raawwate osoo isa hin ga’iin, lammiilee nagaarratti tarkaanfii duguggaa sanyi fudhachuusaa cimse itti fufeera jedhaniru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Obbo Dammaqaan sababni inni guddaan gochi hamaa isaa kana kan itti fufe kabaja waliin jiraachuu fi tokkummaa lammiilee Ityoophiyaa gadii buusuuf kutate kan ka’ee hanga sa’aatii dhuumaatti raawwachuuf kaaayyeefateeti jedhaniiru.
Comments (0)
Add Comment