Gareen finxaaleyyii ABUT ummata dararraa,of ammoo salphinanarraa oolchuun ifatti murtoo akka argatu Paartiin Badhaadhinaa waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Gareen finxaaleyyii ABUT ummata dararraa,of ammoo salphinanarraa oolchuun ifatti murtoo argachuuf ariitiin harka laachuu akka qabu Paartiin Badhaadhinaa waamicha dhiyeesse.

 

Badiin isaa dhiyaachaa kan jiru gareen ABUT, tarkaanfii raayyaa ittisa biyyaan irra ga’aa jiruun haala olaanaan diiggamaa fi dadhabaa jiraachuu ibsameera.

 

Gareen kun filannoo dhumaa kamiiyyuu fayyadamuun dhagaan garagalcha jiru hundi badii isaa ta’uun murtoo jalaa kan hin baraarre ta’uu hubachaa dhufuu paartichi ibseera.

 

Gareen Maqaleetti dhokatee jiru hidhattoota isaa waliin raayyaa ittisa biyyaan marfamuun ba’aa fi galumsa dhabuun dhiphina keessa jira jedhameera.

 

Dhiphina keessa taa’ee ibsa waldhawaa laachuu, qabeenya saamaa ture hunda adda waraanaatti fixuun, yakkaa raawwate cinaatti dhiisee galgalaa ganama raayyaa ittisa biyyaan weerarameera jechuu hojii idilee taasiseera jedha ibsi paartichi baase.

 

Ummanni Tigraay waraanaa hin feenu jechuun raayyaa ittisa biyyaa cinaa hiriiruun garicha haala olaanaan abdii kutachiisuu ibsameera.

 

Ummanni Tigraay raayyaa ittisa biyyaa cinaa hiriiruun awwaalchi garee Juuntaa akka ariifatu shoora olaanaa ba’uu paartichi eereera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment