Gareen ergama waliigaltee nageenyaa to’atu, mirkaneessuu fi kabachiisu hundaa’e

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Gamtaa Afrikaa jalatti gareen ergama waliigaltee nageenyaa to’atu, mirkaneessuu fi kabachiisuu hundaa’e.

Garechi miseesota sadii kan qabu yoo ta’u, bu’uura waliigaltee nageenyaan raawwii siiviilii fi loltummaa ni hordofa jedhameera.

Meejer Jeneraal Raadiinaa Isteefaan Keeniyaarraa, Koloneel Rufaay Umar Maayira Naayijeeriyaarraa akkasumas Koloneel Teefoo Sakool Afrika Kibbaarraa miseensota garee ergamichaa ta’uun muudamaniiru.

Miseensonni kunneen adeemsa walharkaa fuudhiinsa dhabbilee mootummaa Poolisiin Federalaa Magaalaa Maqalee raawwachiisaa turuu himameera.

Hogganaan Garee Ergamichaa Meejar Jeneraal Raadiinaa Isteefan, raawwii waliigalteen nageenyaa hubachuuf daandii faayida qabeensa jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment