Gareen ‘AE-Trade’ Finfinneetti biiroo banuufi

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Gareen Daldala Elektirooniksii Afrikaa (AE-Trade) Biiroo Afrikaa Bahaa Finfinneetti banuuf Ministeera Dhimma Alaa waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltichas Ministir Deetaa Ministeerichaa Ambaasaddar Misgaanuu Argaa fi Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Garee ‘E-Trade’ Mulu’aalam Siyyum mallatteessaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun wayita waliigaltichaatti hojiirra oolmaa naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa saffisiisuuf, carraa hojii uumuu fi diinagdee dijitaalawaaf gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.

Dhaabbatichi biiroo isaa Afrikaa Bahaa Magaalaa Finfinneetti banuun hojii akka eegaluuf mootummaan deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Mulu’aalam Siyyum gama isaaniin, dhaabbitichi, diinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa caalutti ceesisuuf tattaaffii taasifamu kan deeggaru ta’uu himuun, gumaacha Itiyoophiyaa fi Afrikaaf xiyyeeffannaa kennuun kan hojjetudha jedhan.

Dhaabbatichi sirna daldalaa Afrikaa dijitaalawaa fi daldala elektirooniksii saffisiisuuf ogeeyyii Afrika fi hawaasa daldalaan kan hundeeffame ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment