Gareen Biyyalessaa Ityoophiyaa Zaambiyaan 3 fi 2n injifatame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa gita isaa Zaambiiyaan 3 fi 2n dirree isaarratti injifatame.

Tapha michoomaa Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen gareen biyyaalessa Ityoophiyaa Garee Biyyaalessaa Zaambiyaan 3 fi 2n injifatameera.

Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessa Ityoophiyaa Geetaanee Kabbadaa daqiiqaa 13ffaarratti f goolii 1 galcheera.

Mugaambaa Kaampoombaan daqiiqaa 39ffaarrati Zaambiyaaf goolii 1 galchuun qixa taasiisus, Aschaalew Taamana daqiiqaa 43ffarratti rakkuttaa addabbiin goolii 1 dabaluun taphni boqonnaa duraa 2 fi 1 xumurameera.

Boqonnaa deebii Albarti Kaawaandaan gooliwwaan daqiidaa 86 ffaa fi daqqiiqaa dhumaarratti walitti aansuun galcheenn gareen Zaambiyaa ‘Chiippooloopooloo’ jedhamuun waamamu injifateera.

Comments (0)
Add Comment