Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaaf taphaa ga’umsa adda baasuu Morokoo waliin taphateen 2 fi 1’n injifatameera.
Tapha Chaaniif Morookoo Kaazaabilaankaatti qophii taasisaa kan jiru gareen biyyaalessaa Ityoophiyaa tapha michummaa Morookoo waliin har’a taphateera.
Taphichaan 2 fi 1’n injifatamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Gareen biyyaalessaa Ityoophiyaa yeroo darbe tapha ga’umsa adda baasuu gita isaa Morokoo waliin taphateen 1 fi 0’n mo’amuun ni yaadatama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.