Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Giinii waliin tapha deebii ni taphata

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Giinii waliin tapha deebii gulaallii Waancaa Afrikaa marsaa 4ffaa ni tapahata.

Waaliyaawwan har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee tapha deebii Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Giinii waliin Kootidivaayer magaalaa Abiijaanitti ni taphatu.

Waaliyaawwan gulaallii waancaa Afrikaa 2025 Qopheessummaa Morookoon gaggeeffamuuf tapha gulaallii Taanzaaliyaa waliin taasiisan galchii malee qixa, Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoon galchii 2 fi 0n, Giiniin galchii 4 fi 1n injifatamuun qabxii 1 qofa argachuun ramaddicharraa sadarkaa 4ffaarratti argamu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment