Gareen Alshabaab naannoo Somaalee loo’ee seene haalan barbadaa’e – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa Alshabaab naannoo Somaalee loo’ee seene haala sodaa nageenyaa hin ta’uu hin dandeenyeen barbadaa’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Yaaliin haleellaa tibbina gareen Alshabaab karaa Baha Ityoophiyaan taasiise fashalaa’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa mirkaneesseera.

Garichi karaa naannoo Somaalee naannawaa Xarifaamaa jedhamuun yaalii haleellaa taasiisuu Pireezidaanti Musxafeen eeraniiru.

Oppireeshinii Raayyaan Ittisaa fi humnoonni Nageenyaa naannichaa waloon taasiisaan shirri garichaa guutumaa guutuutti fashalaa’uu himaniiru.

Yaaliin karaa Godina Afdeeriin gara giddu gala biyyaa seenuuf taasiisees kichuutti muramuu eeraniiru.
Gareen loo’ee seene kun tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa waloon fudhataniin haala sodaa nageenyaa hin taaneen barbadaa’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment