Gareen Alshabaab karaa Godina Afdeer loo’ee seene guutumaa guutuutti barbadaa’uu mootummaan naannichaa beeksise

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC) – Hidhattoonni garee Alshabaab guyyaa 4 dura naannoo Somaalee karaa Godina Afdeer loo’ee seene iddoo addaa ‘Huulhuul’ jedhamutti marfamuun guutumaa guutuutti barbadaa’uu Manni Maree Nageenyaa naannichaa beeksiseera.

Garichi karaa aanaa Elkaareen darbee gara naannoo Oromiyaa seenuun garee Shaneen walitti makamuuf kaayyeffatee kan ture ta’uu manni marichaa eereera.

Garichi bakka yaade osoo hin ga’in konkolaattoonni qabatee imalaa ture 13 gubachuu fi hidhannoo fi galaan qabatee ture booji’amuu himeera.

Oppireeshinii guyyoota sadiif gaggeeffameen hidhattoonni garichaa 100 ajjeeffamuu manni marichaa ibsa laateen eereera.

Oppireeshiniin gaggeeffamaa ture akka milkaa’uuf hirmaannaa fi deeggarsi ummanni naannichaa taasiisaa ture galateeffate.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment