Gareen ABUT keessaa jiru raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaan raawwate gantummaa weerara alagaa caaluudha-obbo Dammaqaa

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Gareen ABUT keessaa jiru raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaan raawwate gantummaa weerara alagaa caaluudha jedhan itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaa fi sekreeteriyaatiin yaa’insa odeeffaannoo labsi yeroo ariifaachiisaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsa laataniru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin, haleellaan raayyaa ittisaarratti raawwateme garee Ityoophiyaa diiguuf barbaaduu hojii gantummaaf fakkenyaa ta’uu ibsaniiru.

Garichi humna addaan socho’uun uummata Amaaraarratti weerara gaggeessu ibsaniiru.

Ergaa uummattooota Tigraayif dabarsaniin, garicha uumaata da’aachuun Ityoophiyaa diiguuf hojii garaagaraa hojjata tureera jedhan.

Yeroo amma kana garichi gara rakkoo hamaatti imalaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni Tigraayis gocha akka kanaa balaleeffachuu qaba jedhaniiru.

Sekreeteriyaatiin yaa’insa odeeffaannoo labsi yeroo ariifaachiisaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, walitti bu’iinsi amma muudatee mootummaa federaalaa fi Tigraayi giddutti kan hin raawatamne ta’uu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsicha kan raawwate Ityoophiyaa diiguuf humnoota badii ABUT keessa mandheefatee jiruniidha jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment