Gareen ABUT keessa jiru Jeettii waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa rukutee kuffiseera jechuun ibse sobadha – Meejar Jenaraal Mahaammad Tasammaa

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) -Daayrektarri olaanaan Indooktiriineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa mejar jenaraal Mahaammad Tasammaa gareen ABUT keessa jiru Jeettii waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa rukutee kuffiseera jechuun ibse soba ta’uu ibsaniiru.

MeejarJjenaraal Mahaammad Tasammaa humni qilleensaa ammas bakkeewwan filatamaanirratti miidhaa qaqqabsiisuu itti fufeera jedhan.

Gareen badii kun miidhaa Raayyaan Ittisa Biyyaa qaqqabsiisaa jiruun bakkeewwan heddu gadi dhiisaa jiraachuu himaniiru.

Humni addaa fi hidhataan naannichaa nagayaa harka kennachaa akka jiran ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment