Gareen Aadaa Ityoophiyaa gara Eertiraa imaluuf jedha

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Gareen Aadaa Ityoophiyaa gara Eertiraa imaluuf jedha

Garichi Ministiri Deettaa Ministira Aadaa fi Tuuriziimii FDRI aadde Bizunesh Masaratiin kan durfamu yoo ta’u, ministeera dhimma alaa, Ministeera aadaa fi tuuriziimii, tiyaatira biyyaalessaa, weellistoota beekamoo fi baandii Jaanoo kan haammate miseensoota 60 kan qabatedha.

Gareen kun torbaan tokkoof kan turu qophii muuziqaa dhiyeessuf Muddee 6, 2012 gara Eertiraa imala.

Garichi gara Eertiraa imaluu kan danda’e, waliigaltee nageenyaa Ityoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumameen kan walqabatee yoo ta’u, hariiroo ummata lamaanii caalumaatti cimsuu kan danda’udha jedhame.

Gareen kun magaalaa Asmaraa dabalatee magaalota akka Karan fi Mitsuwwaatti qophii muuziqaa akka dhiyeessu ni eeggama.

Comments (0)
Add Comment