Gareen 20 Gamtaa Afrikaa miseensaa dhaabbii taasisuun simate

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Gareen biyyoona 20 (G20) Gamtaa Afrikaa miseensaa dhaabbii taasisuun simachuu ifoomse.

Muummeen Ministiraa Hindii Naaraandiraa Moodiin Niwu Deelhiitti gaggeeffamaa kan jiru yaa’ii biyyoota garee 20 irratti Gamtaan Afrikaa garichatti makamuu beeksisaniiru.

Yaada murtoo Gamtaan Afrikaa miseensa dhaabbii Garee 20 akka taatuuf dhiyaaterratti dureewwan biyyoota miseensota garichaa hundi akka itti waliigalan eerameera.

Haaluma kanaan Dura Taa’aan Yeroo Gamtaa Afrikaa fi Pireezidantiin Koomooroos Aazaalii Asuumaaniin teessoo gamtichaaf garichi qopheesse akka qabatan afeeramaniiru.

Murtichi dhaabbata ardii biyyoota 55 of jalatti qabu Gamtaa Afrikaa, dhaabbata idil addunyaa afeeramaa ta’uun dhaabbiidhaan teessoo akka argate himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment