Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Garee shororkeessaa ABUT fi jaleewwan isaa bu’uurarraa balleessinee Ityoophiyaatti ijaarsa sirna diimokiraasii cima itti fufsiisna jedhan kantiibaan magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaar.
Kantiibaan magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaar naannoo 11ffaa haaraa hundeeffame naannoo uummattoota kibba lixa Ityoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Sirni federaalaa sirriin sirna namoonni mootummaa mataa isaanii itti ijaaran ta’uu ibsaniiru.
Hundeeffamuun naannoo Uummattoota lixa Ityoophiyaa guddachaa jiraachuu sirna diimokiraasii Ityoophiyaaf agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.
Maqaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatiin uummattota kibba lixa Ityoophiyaa maraaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Garee shororkeessaa ABUT fi jaleewwan isaa bu’uurarraa balleessinee Ityoophiyaatti ijaarsa sirna diimokiraasii cima itti fufsiisna jechuu isaanii ragaan miidiyaalee bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna