Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Diina waloo ummata Ityoophiyaa kan ta’e garee shororkeessaa ABUT yeroo gabaabaatti akka hin deebinetti gaggeessuun barbaachisaa ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksiise.
Gareen Shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa harka isaan kan tolche yeroo ofii barbaade akka fedha isaatti kan diigu taasiisee kan ilaalu ta’uu Paartiin Badhaadhinaa ibsa haala waqtaawaarratti baaseen ibseera.
Yaa ta’uutii Ityoophiyummaan ibsitu sabdaneessaa, dhiigaa fi lafee lammiileen kan ijaarramte malee akka hurri samiirratti kan bittinaa’e kan hin taane ta’uu Paartichi ibsa isaan himeera.
Gareen badii kun maqaa bilisa baasaa ummata Tigraayirra rakkoo fi dararaa hamaa qaqqabsiisaa kan jiru ta’uu ibseera.
Biyya abbootiin keenya dhiiga isaanii dhangalaasuun, lafee isaanii caccabsuun diinarraa eeguun nuuf dabarsan, fedhii biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT abjuu taasiisuuf yeroo gabaabaatti hanga dhumaatti dhabamsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsa isaan hubachiiseera.
Gareen badii maqaa ABUTtiin socho’u ajandaa siyaasaa isaa dursuun biyya balaa cimaarra buusuuf kutatee ka’uu Paartiin Badhaadhinaa ibsa baaseen eereera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.