Garee shororkeessaa ABUT mo’amuun gara naannoo Tigraayitti dheeffaa jiru mormiin muudachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT mo’amuun gara naannoo Tigraayitti dheeffaa jiru simannaan gootaa akka taasiifamuuf fedhus mormiin muudachaa jiraachuu ibsameera.
Gareen shororkeessaa ABUT iddoolee weeraree turatti injifatamuun gara Naannoo Tigraayitti dheeffaa jiru simannaan gootaa akka taasiifamuuf yaaluus mormii cimaan muudachuu maddeen amanamoon ibsaniiru.
Injifatamuu isaanii fudhachuuf kan rakkatan hoggantoonni garichaa akka injifannoo boonsaa galmeessee deebi’etti simannaan gootaa akka taasiifamuuf yaalaa jiraachuu ibsameera.
Hidhattoonni kunneen wayita gara magaalaa seenaan Rasaasa dhukaasaa, dibbee rukutaa, xurumbaa afuufaa simannaan akka taasiifamuuf yaaliin godhamus olola sobaan Finfinnee seenuuf itti dhiyaanneerra jechaa ijjoollee isaanii hedduu wareeganiif mormii cimaan hawaasarraa isaanii mudachuu eerameera.
Ergama isaanii itti aanu milkeessuuf injifannoo boonsaan galleerra ammas yeroo murteessaa wareegama nu gaafaturratti argamna jechuun hawaasa burjaajessuuf yaalanis mormiin muudachaa jiru ulfaataa ta’uu himameera.
Humna diina barbadeessuuf humni dabalataa waan barbaachisuuf dhalattoonni naannichaa hundi injifannicha qooddachuuf gara adda waraanaatti duuluu qabu, jiraattoonni hundi qabeenya isaa duulaaf oolchuu qabu jechaa kakaasii gaggeessaa jiraachuu maddeen amanamoon kunneen eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment