Garee shororkeessaa ABUT deeggaruun gidiraa ummata Tigraay dheereessuudha – Obbo Mulubirhaan Hayilee

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Qaamoleen garee shororkeessa ABUT deeggaraa jiran hundi gidiraa uummataa Tigraay dheeressuu kanneen fedhan ta’uu Hogganaan Qunnamtii Ummataa Paartii Diomookiraawaa Tigraay, Obbo Mulubirhaan Hayileen ibsan.
Dhalattoonni Tigraay muraasni biyya keessaa fi alaa jiraatan garee shororkeessa ABUT yeroo deeggaran ni muul’ata jedhan Obbo Mulubirhan ibsa haala yeroo ilaalchisee laataniin.
Deeggarsi isaanis gidiraa fi dhiphina uummata Tigraay daraan cimsuu irraa kan hafe faayidaa biraa hin qabu jedhaniiru.
Gareen kun daandii badaa filachuun namoota nagaa hedduu ajeessaa jiraachuu eeraniiru.
Namoonni heduun beekanis ta’e osoo hin beekiin garee kana duukaa bu’aa jiraachuu eeraniiru.
Dhalattoonni Tigraay muraasni biyyaa keessaa fi alaa jiraatan gareen shororkeessa ABUT garee uummataa Tigraay hin fayyadne ta’uu hubachuu akka qaban himaniiru.
Gareen kanarraa warreen faayidaa qooddatan biyya keessaa fi alaa jiraachuu himuun,Jarreen kunneen karaa qindoominaa qabuun uummataa Tigraay burjaajjeessaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Maddi:-DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment