Garee shoororkeessaa ABUT daa’immanii fi dubartootarra miidhaan qaqqabsiseef deeggarsi imalchiifamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Naannolee Amaaraa fi Affaritti garee shoororkeessaa ABUTn daa’immanii fi dubartootarra miidhaa qaqqabeef Birrii miiiliyoona 24 fi kumni 900 oliin deeggarsi namoomaa taasifamu geejjibsifamaa jiraachuu Ministeeri Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa beeksisee jira.

Shiira badiinsaa garee shoroorkeessaa ABUTn daa’immanii fi dubbartoota miidhaa irra gahee gama deeggaruun hojiiwwan hojjataman ilaalchise Ministirri Ministeerichaa Aadde Filsan Abdulaahi ibsa kennaniru.

Ibsa kennameen keessattuu Naannoo Affaraatti buufata dawoo keessatti kan argamanii fi daa’imaniifi dubbartootaa ulfaa deeggarsa barbaadan dabalate lammiileen buqqaa’an Kuma 76 fi 525 tahan jiraachuu ibsameera.

Kanneen keessaa 59 rakkoolee garagaraan keessattu, da’uumsaan booda miidhaa isaanirra gaheen akka saaxilamanii fi kuma 16 fi 836 ammoo deeggarsa xinsamuu akka isaan barbaachiisu himan aadde Filsan.

Ministeerri isaanii Ministeera Galiiwwanii fi Komishinii Gumruukaa waliin dubbachuun uffataalee garagaraa akkasumas dhiheessiwwan nyaataa keessaa sukkaaraa, paastaa, ruuzii fi missiraa lammiilee buqqaattoota naannoo Affariif akka oluu deeggarsi taasifameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment