Garee Itiyoo-Injiinaringii fi Gareen Invastiimantii ‘O-Pirodiwuus’ waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Garee Itiyoo- Injiinaringi fi Garee Invastiimantii ‘O-Pirodiwuus’ waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Hojii Raawwachiisaa Garee Itiyoo-Injiinaringi Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoo fi Hojii Gaggeessituu Olaantuu O-Pirodiwuus Injiinar Maartaa Balaay mallatteessaniiru.

Sirna waliigalticha mallatteessuurratti Ambaasaddar Suleemaan Daddafoo akka jedhanitti, waliigalticha mallateessuun hojiilee faayidaa biyyaalessaa milkeessan cimsuuf tumsa.

Meeshaalee biyya alaarraa galan biyya keessatti oomishuun, gara biyya alaatti erguuf xiyyeeffannaan hojjechuuf waliigaltuu ibsan.

Muuxannoo fii dandeettii jirurratti walta’iinsaan yoo hojjetame bu’aa barbaadame kan argamsiisu ta’uu kaasanii, karooraa qabaman galmaan gahuu akkasumas sharafa alaa biyyattiin baastu hambisuuf kan gargaarudha jedhan.

Injiinar Maartaa Balaay gama isaaniin, omisha biyya alaatii galan biyya keessatti bakka buusuu fi teeknoloojii ammayyaa’aa madaqsuu, carraa hojii bal’aa uumuuf kan hojjetu ta’uus himan.

Walii galteen mallatteeffame galma misoomaa akka biyyatti qabame milkeessuuf gumaacha akka qabaatus ibsaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment