Garee Faannoo duula tokkummaa jechuun of moggaasee naannoo Amaaraatti yaalii haleellaa raawwachuuf socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatame – RIB

Garee Faannoo duula tokkummaa jechuun of moggaasee naannoo Amaaraatti yaalii haleellaa raawwachuuf socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatame – RIB

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Garee Faannoo duula tokkummaa jechuun of moggaasee naannoo Amaaraatti yaalii haleellaa raawwachuuf socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.

Raayyaan Ittisa Biyyaa haala waqtaawaa ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibsa kenneera.

Garee Finxaaleyyii Faannoo jedhee of waamu naannoo Amaaraa keessa socho’uun yaalii qocholoo taasisaa ture barbadeessuu himeera.

Garee finxaaleeyyi Birgaader Jeneraalaa Migiba Hayilaa fi fakkaattoota isaa jalatti gurmaa’uun godinaalee fi aanaalee naannoo Amaaraa garaagaaraa keessatti yaaliwwan haleellaa raawwachuuf socho’aa ture guutummaatti barbadeessuu ibseera.

Gareen kun Lixa Tigraayiin deebisa yaada jedhuun yeroo lama Raayyaa Mootummaa Federaalarratti yaalii haleellaa taasisuuf dargaggoota kumaatamaan lakkaawwaman of jala hiriirsisuus hin lollu jechuun didnaan hidhattoota ofii hedduu ajjeesuun osoo hin malkaa’iin baqachuu himeera.

Migiba Hayilaan waliigalteen Piriitooriyaa akka hin milkoofne tattaaffii olaanaa taasisurra darbee Chaappaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fudhachuu fi humnaan aangoo qabachuuf socho’aa kan ture farra nageenyaa ta’uu eereera.

Bigiba Hayilaan Faannootti fayyadamuun gareen finxaaleyyii kun naannoo ofii keessatti miidhaa hin malle akka raawwatu ajaja kenneera.

Yaa ta’uutii duulli tokkummaa jechuun moggaasanii eegalan kisaaraa olaanaaf saaxilamuu ibseera.

Goondar Kibbaa, Kaabaa, Goojjam Kaabaa, Lixaa, Bahaa, akkasumas Walloo Kaabaatti gareen ergamtoota Migiba Hayilaa fi finxaaleeyyii ibidda ofiif qabsiisaniin gubachuu eereera.

Haaluma kanaan guyyoota lama keessatti qofa 317 ajjeefamuu, 41 booji’amuu, 125 madaa’uu, 27 harka kennachuu, 51 dhiifamaan galuu, odeeffannoo kennitoonni 15 qabamuu, waliigalaan namoota 576 irra kisaaraan gahuu himeera.

Gareen finxaaleeyyii Migiba Hayilaa fi fakkaattoota isaan jajjabeeffamuun qocholoo eegale kisaaraa cimaan irra gahuun kanneen lubbuun hafan lubbuu nabaasiin bittinnaa’uu mirkanaa’uu ibsa isaan himeera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment