Garee ABUT barbadeessuuf uummattoonni Gaambeellaa Raayyaa ittisaa cinaa akka dhaabbataan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Garee shororkeessaa ABUT barbadeessuun gara misoomaatti deebi’uuf uummattoonni Gaambeellaa Raayyaa ittisa biyyaa cinaa akka dhaabbataan waamichi dhiyaateera.

Farra misoomaa kan ta’ee garee shororkeessaa ABUT yeroo gababaa keessaatti barbadeessuun fuula keenya gara misoomaatti deebisuuf uummattoonni naannoo Gaambeellaa raayyaa ittisa biyyaa cinaa akka dhaabbataan mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen juuntaan Onkololeessa 24, 2014 izii kabaarratti haleellaa raawwateen gantuummaa seenaa hin dagannee raawwachuun Ityoophiyaanootarratti haleellaa raawwataa tureera.

Humna ummataa biyyatti baleessuf karoorfatee kana qolachuuf hawaasni naannichaa tokkummaa hiriiruu qaba jedhameera.

Diina Ityoophiyaa diiguuf dhufee biyyattiirraa ittisuuf tatttaaffi taasifamuu hundaarrattis akka hirmaataniif mootummaa naannichaa waamicha dhiyeesseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaaargachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment