Garaagarummaan kan ittiin wal qarru malee, kan ittiin wal balleessinu ta’uu hin qabu – MM Dr Abiy

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad garaagarummaan kan ittiin wal qarru malee, kan ittiin wal balleessinu ta’uu hin qabu jedhan.

Dooktar Abiy seenaa irraa barachuudhan, adeemsa mudaa qabu dhawaata furaa yaa deemnun dhaaman.

Adeemsi mudaa qabaachuu mala, yaata’uutii dhawaata garuu furamaa, qaawwi hanqinaa guutamaa deema jedhan.

Guddachuu fi wayyaa’uun ammoo yeroo hundaa fakkii hin xumuramne; yeedaloo hin goolabamnee fi falmii hin xumuramne keessa kan jiranidhaan ibsan.

Kanaaf seenaa irraa barannee, garaagarummaa keenya ittiin walballeessuuf osoo hin taane, ittiin wal qaruuf yaa fayyadamnuun dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment