Garaagarummaan Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gubts gidduu jiru mariin akka furamuuf gamtaan Afrikaa deeggarsa barbaachisu ni taasisa – Muusaa Faakii

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Garaagarummaan Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicharratti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduu jiru mariin akka furamuuf gamtaan Afrikaa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu Koomishinarri Koomishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahimaat ibsaniiru.

Muusaa Faakii Maahimaat dhimma kanarratti Ministira dhimma alaa obbo Gadduu Andaargaachaw waliin mari’ataniiru.

Obbo Gadduun marii ijaarsa hidha haaromsaan walqabatee biyyoota sadan gidduutti hanga ammaatti gaggeeffamee fi ejjennoo Ityoophiyaa Koomishinarichaaf ibsa taasisaniiru.

Ityoophiyaan bakka hin hirmaaneetti waliigaltee kolonii mallattaa’e kan hin fudhanne ta’uu ibsaniiru.

Guutiinsi bishaanii marsaan jalqabaa gabatee yeroo kaa’ameef keessatti akka eegaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu obbo Gadduun Muusaa Faakiif himaniiru.

Ityoophiyaan qabeenya uummamaa isheetti fayyadamuun misooma ishee ariifachiisuuf mirga qabdi kan jedhan obbo Gadduun, Gamtaan Afrikaa deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Koomishinarri Koomishinii gamataa Afrika Muusaa Faakii Maahimaat gama isaaniin rakkoole Afrikaaf furmaata Afrikaatu barbaachisa jedhan.

Gamtaan Afrikaa dhimma kanarratti xiyyeefannoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni sadan walitti dhiyeenyan garaagarumaa isaanii mariin akka furaniif gamtichi kan hojjetu ta’uu Muusaa Faakiin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment