Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC)- Bara 2015 garaagarummaa jiru mariin furuuf Koomishini marii biyyaalessaa cinaa dhaabachuu barbaachisa jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.
Manni maree Federeehinii fi manni maree bakka bu’ootaa ummataa hojii isaanii kan bara 2015 har’a ifatti eegalaniiru.
Sirna baniinsaa manneen maree lameenirraatti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen haasawaa taasisaniin, akka biyyaatti waldhabdeen, garaagarummaan, waraanni, haaloon, maraammartoo walitti bu’iinsaa waan uumaniif, garaagarummaa jiru mariin furuuf hojiilee Koomishinii Marii Biyyaalessaa hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.
Bara 2015 hojjiilee Koomishiniin Marii Biyyaalessaa hojjetu lafa qabsiisuu fi bu’aan yaadame akka galmaa’uuf mootummaan xiyyeeffannaa addaan akka hojjetu akeekaniiru.
kana malees, pireezidaanti Saahilawarqi akka jedhanitti, bara dhufu waraanni akka xumuramuuf taattaafii hunda keenyaa gaafata.
Ityoophiyaan qormaatilee heddummaatan keessatti, bu’aalee bal’aa galmeessisuun gama tokkoon, qormaanni kan ishee hin jilbeenfachiisne akka taate kan argisiisuudha jedhaniiru.
Gama biraatiin, bu’aaleen abdii qabeessi galmaa’anis, walitti bu’iinsaa keessaa bahuu akka hin dandeenye kan ibsamuudha jedhan.
Mootummaan gatii nageenyaa hubachuun walitti bu’iinsi akka dhaabbatuuf haalduree tokko malee mari’achuuf yaada dhiyeessuu yaadachiisanii, Ummata tigiraayiif jecha ABUT gara waamicha nageeyaatti akka dhufuu irraa deddeebiin waamichi taasifameeraaf jedhaniru.
Ammas taanaan jedhan Pireezidaanti Saahilwarqi haasawaa isaaniin, garaagarummaa jiru mariin furuuf mootummaan waamicha nageenyaa irraa deebiin ni dhiyeessa jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.