Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf garaagarummaa furuu fi misoomarratti xiyyeeffachuun ajandaa adda duree Paartii Badhaadhinaa ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa fi Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Koreen Hoji Raawwachiiftuu Paartichaa walga’ii idilee isaan dhimmoota irratti mari’atu keessaa nageenyii fi misoomni isaan ijoo ta’uu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaa maraamaartoo walitti bu’iinsa keessaa baasuuf mootummaan paartii badhaadhinaan durfamuu ijaarsa nageeyaarratti tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Walitti bu’iinsa qaamolee jijjiiramni hinliqimfamneef uuman mariin tasgabbeessuun akka danda’ame kaasaniiru.
Ijaarsi nageenyaa akka milkaa’uuf rakkoolee marii biyyaalessaan furuuf, ce’umsaa haqaa fi gochaalee haaromsaa gaggeessuuf kutannoo qabatamaa agarsiisuu himaniiru.
Qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha mootummaan taasiseen, garee hidhatanii Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an gara nagaatti akka dhufan taasisuun, misoomaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuuf hirmaannaa olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia