GAONFtti bara kana Biqiltuun miiliyoonni 98 ol dhaabbiif qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuun akaakuuwwan garaagaraa miiliyoonni 98 ol dhaabbiif qophaa’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.
Aanaalee godinichaa jahaa keessatti lafa hektaaraa kuma 5 ol irratti bara kana biqiltuun kan dhaabbatu ta’uu Itti gaafatamaan waajjira Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee obbo Caalaa Adaree ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabbiif qophaa’aan keessaa %10 kuduraa fi muduraa ta’uu himaniiru.
Biqiltoota bara darbe dhaabbatan keessa harki 86 latuu eeruu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment