Gannaan walqabatee  weerara busaa uumamuu danda’u ittisuuf hojiin dursanii qophaa’uu hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Gannaan walqabatee  weerara busaa uumamuu danda’u ittisuuf hojiin dursanii qophaa’uu hojjetamaa jira.

Gannaan walqabatee weerara busaa uumamuu danda’u ittisuuf hojiin dursanii qophaa’uu sadarkaa biyyaalessatti hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi Faanaa Broodkaastiingi koorporeettif akka ibsetti manneen weerara busaaf saaxilamoo ta’an miiliyoona 2.8 biiffaan keemikalaa ni raawwatama.

Naannoo Amaaraa fi Kibbaatti weerarichi babal’achuu wan danda’uuf agoobbarri miiliyoona 6 rabsamaa jiraachuu beeksiseera.

Ministeera Fayyaatti Daayrektarri Ittisaa fi Too’annoo Dhibee Busaa aadde Hiywat Solomoon akka dubbatanitti haallii roobaa fi mallattooleen muldhatan weerarri busaa biyya keenyaatti ol ka’ee muldhateera.

Ityoophiyaatti waggoota shanan darbanitti weerarichi gadi bu’aa yoo dhufellee waggaa 1 dabarsineetti namoonni 100 ol dhibee kanaan lubbuun isaanii darbuu himaniiru jechuun Zufaan Kaasaahuntu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment