Gannaalee Daawwaa III Amajjii 26,2012 humna maddisiisuu eegala

Finfinnee, Amajjii 21,2012(FBC)- Gannaalee Daawwaa III Amajjii 26,2012 humna maddisiisuu eegala.
 
Maddi anniisichaa meeggaa waatii 254 maddisiisuu danda’a jedhameera.
 
Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa akka beeksisetti hidhi maddi anniisaa kun bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 2.57 qabachuu danda’a.
 
Ijaarsa hidhichaatti Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyooni 51 baasii ta’eera.
 
Dhibbantaan 60 baasichaa liqaa Baankii Chaayinaa Egziimirraa argameen kan hojjetame yammuu ta’u, %40 ammoo mootummaadhan danda’ame.
 
Comments (0)
Add Comment