Ganna dhufu biqiltuuwwan biiliyoona 6 ol biyya keessaa fi biyyoota ollaa dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC) – Ganna dhufu biqiltuuwwan biiliyoona 6 ol biyya keessaa fi biyyoota ollaa dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Komishiniin Eeggumsa naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa beeksiseera.

Komishiichi biqiltuu ganna dhufu dhaabuuf karoorfate ilaalchisee naannolee 10 fi dhimmamtoota waliin Adaamaatti mari’achaa jira.

Ganna dhufu biqiltuuwwan biiliyoona 6 0l biyya keessaa fi biyyoota ollaatti dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaan ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaatti Lafa addaa baasuu eegalee qophiin biqiltuu misoomsuu gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa Ashaaraa magariisaa biyyoota ollaaf qaqqabsiisuuf kallattii kaa’ameen naannolee 6 fi Yuunvarsiitiiwwwan 8 waliin waliigalteen mallattaa’ee biqiltuuwwan haala qilleensaa fi naannoo waliin walsimatan qophaa’aa jiraachuu beeksisaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment