Ganna dhufu balaa lolaan midhaan akka hingeenye hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC)- Komishiniin Hoggansaa Sodaa Balaa fi Ibiddaa waqtii Gannaa balaa lolaan miidhaan namarraa fi qabeenyaarra akka hingeenyeef xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibse.

Ittaanaan Komiishinaraa Koomishinichaa Yikfalawu Gabiramasqal, saaxilamummaan balaa ibiddaa, lolaa fi sigigaachuu lafaa akka jiru qorannoon gaggeeffame akeekuu ibsaniiru.

Balaawwan tasaa mudatan sadarkaan adda baasuun hojiileen hir’isa balaawwanii gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Balaawwaniif naannawaaleen saaxilamoo ta’uu akeekaman 284 keessaa 168 furmaata hatattamaa akka barbaachisu himaniiru.

Keessumaa bakkeewwan 55 xiyyeeffannaa addaa akka barbaachisu itti amanamuun haala kanaanis hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Saaxilamummaa balaa lolaa hir’isuuf hawaasni balfa goggogaa wayita dhabamsiisu haala saaxilamummaa hinhordofsiisneen akka ta’u gaafatanaiiru.

Baatiiwwan jahan darban Magaalaa Finfinneetti balaawwan 206 mudatan keessaa 131 balaa ibiddaa ta’uu ibsameera.

Meeroon Muluugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment