Gandoota baadiyyaa aanaalee Begii fi Qondaalaatti Shanee irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaa gandoota baadiyyaa aanaalee Begii fi Qondaalaatti hojii oppireeshinii qindaa’aa gaggeeffameen garee shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.

Godinichatti hojii oppireeshinii qindaa’aa olaantummaa seera mirkaneessuuf gaggeeffamaa tureen bakkeewwan garaagaraatti uummanni  qaamolee nageenyaa waliin hiriiruun shanee irratti tarkaanfii fudhateen garichi  barbadaa’aa jiraachuu ibsameera.

Jiraattoonni gandoota kanneenii shaneen diina uummata Oromoo ta’uu fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun  gandoota isaanii keessaa kan qulqulleessan ta’uu ibsaniiru.

Tarkaanfii irratti fudhatamaa jirun wal harcaasuun qabeenya hate gatee baqachaa fi bittinnaa’aa jiraachuu eerameera.

Tarkaanfiin garecharratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment