Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Gamtaan Awurooppaan tumsa tarsiimawaa Ityoophiyaa waliin qabu gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf hojjechaa jiraachuu ibse.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roonaald Koobiyaan, gamtichi tumsa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf hojii hojjechaa jiru ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ityoophiyaafi Gamtaan Awurooppaa hariiroo seena qabeessa kan qaban ta’uufi tumsasaanii daran cimsuuf waliigaltee istraateejikaalaa raawwachuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Ministiroonni Dhimma Alaa gamtichaa 27 walga’ii Eebla 16, 2015 gama Mana Maree Dhimma Alaa gamtichaan gaggeessaniin hariiroo gamtichi Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf kallattiiwwan haaraa sagalee guutuun raggaasisuu yaadachiisaniiru.
Murtoon kunis tumsa Ityoophiyaafi gamtichaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane ta’uu kaasaniiru.
Gamtichi tattaaffii Ityoophiyaan nageenya waaraa fiduuf taasistu deeggaruuf qophii ta’uu; kunis hariiroo gamtichi Ityoophiyaa waliin qabu cimsuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Gamtichi yeroo ammaa tumsa tarsiimawaa Ityoophiyaa waliin qabu gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.