Gamtichi Sudaanitti nagaa buusuuf tattaaffii taasifamu deeggaruu cimsee itti fufa – Muusaa Faakii Mahaammat

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC) – Gamtaan Afrikaa Sudaanitti nagaa buusuuf tattaaffii taasifamu deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu Komishinarri gamtichaa Muusaa Faakii Mahaammat ibsan.

Yaa’iin 14ffaan dureewwan biyyoota Miseensota Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) har’a Jibuutiitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti kan argaman Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat walitti bu’iinsi Sudaanitti muudate ammas itti fufuun lammiilee biyyattii rakkoo hamaaf saaxilaa jiraachuu ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa rakkoon uumame furmaata akka argatuuf tattaaffii cimaa taasiisaa jiraachuu eeraniiru.

Biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa fi deeggartoonni Idil addunyaaa biyyattiitti nagaan akka bu’u sochii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Sudaanitti ce’umsa Siiviiliin durfamu hundeessuun jijjiirama qabatamaa sababa fiduun dadhabameef Gamtaan Afrikaa guyyoota muraasaan dura Sudaan miseensa gamtichaa keessaa dhorkuu ibsaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Sudaanitti nagaa buusuuf hojmaata Gamtaan Afrikaa diriirseen deeggarsaa fi tumsa taasisuuf qophii ta’uu Gaanfa Afrikaatti ergaaman addaa dhaabbatichaa Sarwaa Teeteen ibsaniiru.

Afrikaa Bahaatti jalqabbiiwwan gaarii jedhaman muul’achaa jiru, jalqabbii gaariif ammoo beekkamtii kennuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Waliigalteen Nageenyaa Ityoophiyaatti taasiifamee fi Filannoon Pireezidaantummaa bu’aa qabeessi Somaaliyaatti gaggeeffame agarsiiftuwwan gaarii ta’uu eeraniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii Afrikaa Bahaatti nageenya waaraa mirkaneessuu fi misoomaa itti fufaa galmeessuuf tattaaffii taasiifamu kan tumsu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment