Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa nageenya waaraa Ityoophiyaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu mirkaneesseera.
Ministiroonni Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa 27 dursummaa Bakka Bu’aa Ol’aanaa Gamtichaa (Mana Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa) jalatti walga’ii gaggeessuun hariiroo Ityoophiyaa waliin qaban idileessuuf murtoo haaraa fi bu’uura ta’e sagalee guutuun raggaasisaniiru.
Murtoon kun michummaa gamtichaa fi Ityoophiyaa gidduu jiruuf boqonnaa haaraa kan banu ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaatti michuu tarsiimoo Awurooppaa ijoo ta’uu eerameera.
Tattaaffiin Ityoophiyaan nageenya waaressuuf taasiiftu kan tumsu ta’uu gamtichi ibseera.
Waliigaltee Piriitooriyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifameef deeggarsa guutuu kan taasiisu ta’uu eereera.
Mootummaan Ityoophiyaa marii biyyaleessaa hunda galeessa, hirmaachisaa fi ummata giddugaleeffate gaggeessuu eegale cimsee akka itti fufu gamtichi gaafateera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.