Gamtichi manneen barnoota sababa waraanan miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 33 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa manneen barnoota sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi nyaata barattootaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 33 deeggarsa taasiiseera.

Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan manneen barnootaa kumni 8 fi 500 gariiniin yoo barbadaa’an, manneen barnootaa kumni 1 fi 500 tajaajilaa ala ta’uu ibsameera.

Barattoonni miiliyoona 2 ta’an barnootaa ala ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roolaand Koobiyyaan ibsaniiru.

Deeggarsi taasiifame ijaarsa manneen barnootaa, sagantaa nyaata barattootaa, qulqullina, fayyaa fi tajaajila biroof kan oolu ta’uu himaniiru.

Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immaanii idil addunyaa fi sagantaan nyaata addunyaa gamticha waliin ta’uun deeggarsicha kan raawwachiisan ta’uu eeraniiru.

Deeggarsi kun barattoota kuma 80 fayyadamoo kan taasiisuu fi manneen barnootaa 60 ijaaruuf oola jedhame.

Qiddist Abaateetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment