Gamtichi humnoonni waraanaa Sudaan hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif waamicha dhiheesse

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Gamtichi humnoonni waraanaa Sudaan hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif waamicha dhiheesseera.

Gamtichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, lammiileen Sudaan, bu’uuraalee misoomaa bishaan, elektirikii, fayyaa dabalatee tajaajiloota biroo akka argataniif humnoonni walwaraanaa jiran hatattamaan waraana akka dhaaban gaafateera.

Gamtichi dhukaasaa dhaabuun cinaattis hawaasni idil addunyaa lammiilee Sudaniif deeggarsaa namoomaa akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera.

Komishiniin Gamtaan Afrikaa dhimmichaaf furmaata kennuuf bara faranjootaa Eebla 20, walga’ii idil addunyaa waamuu ibsi baase kan argisiisu.

Gamtaan Afrikaa fi Gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin durfamu, jeequmsa Sudaaniin dabalatee naannawichatti mul’atu dhaabuuf tarkaanfilee Idil Addunyaa akka qindeessu eerameera.

Yaadonni murtee kennaman tarkaanfiiwwan Gamtaa Afrikaan deeggaraman ta’uu ibsameera.

Walga’iin raawwii isaarratti xiyyeeffate Komishinii Gamtaa Afrikaatti har’a ni gaggeeffama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment