Gamtichi Bu’aa Qabeenya Raashiyaa dhorkamanirraa argamuun Yuukreeniif meeshaalee waraanaa bituuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa bu’aa qabeenya Raashiyaa biyyoota garaagaraatti akka hin sochoone dhorkamaniirra argamuun Yuukreeniif meeshaalee waraanaa bituuf waliigalan.

Gamtichi waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti gaggeeffamaa jiru hordofee qabeenya Baankii Giddugalessa Raashiyaa kan ta’e Doolaarri biiliyoonni 300 akka hin sochoone dhorkeera.

Chaansiralli Jarman Ooliif Shoolsi, Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroonii fi Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Taski ibsa waloo Magaalaa Barliinii kennaniin bu’aa qabeenya Raashiyaa dhorkamanirraa argamaniin Yuukreeniif meeshaalee waraanaa bituuf waliigalamuu eeraniiru.

Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuullaa Voon Daar Leeyin baatii darbe, bu’aa qabeenya Raashiyaa dhorkamanirraa argamaniin Yuukreeniif meeshaaleen waraanaa akka bitamuuf yaada dhiyeessanii turan.

Mooskoon tarkaanfiin qabeenya isheerratti fudhatamu kamuu hanna akka ta’ee irra deddeebiin ibsuu RTn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia
.

Comments (0)
Add Comment