Gamtaan hojjechuuf murteessinaan humna kuufamaa biyyaalessaa fayyadamuuf carraalee hedduu qabna-Dooktar Abiy

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Gamtaan hojjechuuf yoo murteessine humna kuufamaa biyyaalessaa keenya fayyadamuuf gama hedduun carraalee bal’aa qabna jechuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa yeroo ammaa bakka argama odoloota 70’tti dhiyaatanii, kan dandeetti misooma buufata tuuriizimii olaanaa qabanii ta’eera.

“Gamtaan hojjechuuf yoo murteessine humna kuufamaa biyyaalessaa keenya fayyadamuuf gama hedduun carraalee bal’aa qabna” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment